Komishiniin Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee faallama naannoo ittisuu fi too’achuuf dargaggoota 554 leenjisaa ture gara hojiitti galchuu beeksiseera. Leenjiin dargaggoota kanneeniif guyyoota shaniif laatamaa ture xumuramuu komishinich beeksiseera.

68

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (TOI) – Komishiniin Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee faallama naannoo ittisuu fi too’achuuf dargaggoota 554 leenjisaa ture gara hojiitti galchuu beeksiseera.
Leenjiin dargaggoota kanneeniif guyyoota shaniif laatamaa ture xumuramuu komishinich beeksiseera.


Dargaggoonni kunneen Indaastiriiwwanii fi dhaabbileen tajaajila laatan faallama qaqqabsiisaan hojii hordofuu fi too’achuu ni raawwatu jedhame.
Faallama naannoo magaalaa Finfinnee keessatti muul’atu ittisuu fi too’achuuf dargaggoota leenjisuun hojiitti galchuun barbaachisaa ta’uu komishinarri Komishinii Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee Sisaay Geetaachaw isaniiru.


Dargaggoonni kunneen madda faallama sagalee, balfa dhangala’oo fi gogaa qorachuun yaada furmaataa ni dhiyeessu jedhameera.Bulchiinsi magaalichaa marsaa duraan baajata Birrii miiliyoona 30 ol ramaduun leenjicha laachuu dubbataniiru.


Dargaggoota gosa barumsaa eeggumsa naannoo fi hidhata qabaniin eebbifaman bal’inaan gara hojiitti galchuuf karoorfamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015