Itiyoophiyaatti lakkoofsa ummataafi manaa lakaa'amuu dhabamuun isa karooraa keenya guutummaa guutuutti milkeessuu hin dandeenye jedhe, Eejansiin Istaatiksii Giddugaleessaa.

66

Finfinnee,Mudde 21,2013(TOI)-Itiyoophiyaatti lakkoofsa ummataafi manaa lakaa'amuu dhabamuun isa karooraa keenya guutummaa guutuutti milkeessuu hin dandeenye jedhe, Eejansiin Istaatiksii Giddugaleessaa.

Eejansichi raawwii karooraa waggota shanan darbaniifi karooraa waggoota shanan dhufanirratti qaamoota dhimmii ilaalatuu waliin mari'ataa jira.

Maricha irrattis waggoota darban keessatti Odeeffaannoofi ragaa bifa qindaa’aa ta’een hojjechuuniifi sadarkaa Idl-Addunyaatti ragaafi odeeffannoo bifa qindaa’aa ta’een hojjechuufi xinxaluun hojii fooya’aa hojjetamuu Eejansichi himeera.

Gama biraanis seera cimaa Istaatiksii irratti xiyyeeffatu qopheessuun dhabamuuniifi Istaatiksii Itiyoophiyaa hojjechuu dhabamuun isaa Eejansicha irratti rakkoo uumeera jedhame.

Kun immoo lakkoofsa ummataafi manneenii gaggeeffamuu dhabamuufi weerarrii vaayiraasii koronaa rakkoo guddaa ta’uu himameera.

Madda:-EBC.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015