Godina Baalee Magaalaa Roobeeti meeshaaleen kontrobaandi garagaraa Birri miliyoona 3.4 ta'uti tilmaamamu tumsa hawaasaa fi qaamolee nageenyaatiin qabamuu Waajjiri Polisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee beksiseera. - ENA Afaan Oromoo
Godina Baalee Magaalaa Roobeeti meeshaaleen kontrobaandi garagaraa Birri miliyoona 3.4 ta'uti tilmaamamu tumsa hawaasaa fi qaamolee nageenyaatiin qabamuu Waajjiri Polisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee beksiseera.

Finfinnee,Muddee 21, 2013(TOI)- Godina Baalee Magaalaa Roobeeti meeshaaleen kontrobaandi garagaraa Birri miliyoona 3.4 ta'uti tilmaamamu tumsa hawaasaa fi qaamolee nageenyaatiin qabamuu Waajjiri Polisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee beksiseera.
Gaafa guyyaa Muddee 15 bara 2013 eeruu hawaasarraa argameen, sakatta'insa tasaa taasifamee meeshaaleen kontroobaandi seeraan ala gara magaalatti seenanii kuufaman qabamaniru.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee Komaandar Daawit Gandoo, humnoonni poolisii duula qabiinsa meeshaalee kontiroobaandi kana irratti hirmaatan meeshaalee kanneen iddoo kuufamaniti rakkoo tokko malee to'achuu himaniru.
Milkaa'ina hojii kanaatiifis tumsa olaanaa hawaasni magaalatti taasisanif galateeffataniru.Meeshaaleen kontiroobaandi Shuguuxi sadeet(8) dabalatee qabaman kunneen Birri miliyoona 3.4tti tilmaamamu akka baasan danda’anis himaniru.
Maddi:- OBN