Ministeerri misoomaa fi dhimma Isilamaa Saawud Arabiyaa mana barnoota hawaasa Itoophiyaa Dohaatti argamuuf gargaarasa Riyaala Kowaatar kuma dhibba 4 geeddarsa taasisuuf akka jiru beeksiseera.

100

Finfinnee, 20/2013(TOI)- Ministeerri misoomaa fi dhimma Isilamaa Saawud Arabiyaa mana barnoota hawaasa Itoophiyaa Dohaatti argamuuf gargaarasa Riyaala Kowaatar kuma dhibba 4 geeddarsa taasisuuf akka jiru beeksiseera.

Gargaarsi maallaqaa kunis kara ministeera barnoota olaanaa biyyattii waliin wal ta'uun kan raawwatamu ta'u Gulf times gabaasera.

Deeggarsichis harka caalaan kan argamee baankii misoomaa dhimma Isilamaa Saawud arabiyaa irraa gargarsaa argameedha jedhamera.

Daarektarri baankichaa doktar Kaalid Bin Mohaammed Altaniin mana barnoota hawasaa Itoophiyaa kanneen dawwataniru.

Deeggarsa baankii kanaan barattoonni 400 mana barnootaa Isilamaatti akka barataniif manni barnoota kun kan jalqabe 2019 hojii eeggale.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015