“Bajanni kanfaltii kuufama mindaa ji’a sadii ‘JEG’ barsiisotaa naannoleef ergameera

”Finfinnee Muddee 17/2013(TOI)- Bara 2012 ji’a Bitootessaa keessa hojii sirreessuuf jecha qorannoo addatti barsiisotaaf taasifameen sirreeffamni mindaa taasifamuun ni yaadatama.

Kunis Adoolessa bara 2011 irraa kaasee hojiirra kan oolu ture.Ta’us kanfaltiinsaa kan eegalame ji’a Bitootessaa yoo ta’u, kuufama ji’oota sagalii hafanii immoo ji’oota sadii sadiin qoodamee kanfaluuf waadaa seename.

Haaluma kanaan kuufamni ji’oota sadii kan marsaa duraa kanfalamus kan ji’oota ja’aa hanga yoonaa hinkanfalamne.

Kunis barsiisota hedduu biratti komii kaaseera. Nutis komii barsiisotaa kana qabachuun Ministeera Barnootaa dubbisneerra.

Ministir De’eetaan ministeerichaa, Doktar Garramawu Hulluqaa gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, sirreeffamni hojii ‘JEG’ (Job Evaluation and Grading) bara 2012 hojiirra oole kaayyoon hojiifi hojjetaa walmadaalchisuuf yoo ta’u, kunis dabalata qarshii fidee dhufe.

Hojii ‘JEG’ akka biyyaatti hojjetameenis kan barsiisotaa addatti ilaalameera.

Ministirri Barnootaas ittigaafatamaasaa fudhatee ofeeggannoo guddaadhaan hojjechuu kaasanii, dhimma kana miidiyaarratti dhaadhessuu kan hinbarbaachiifneef barsiisonni akka fayyadamaniif qofa yaadamee ta’uu ibsu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015