Guyyaan Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan itti gaggeeffamu Caamsaa 28, 2013 akka ta’u Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa wixinee dhiheesse.

60

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (TOI) – Guyyaan Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan itti gaggeeffamu Caamsaa 28, 2013 akka ta’u Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa wixinee dhiheesse.

Boordichi sagantaa duraa har’a ifoomseen guyyaan sagaleen itti laatamu Caamsaa 28, 2013, guyyaan bu’aan waliigalaa itti ifoomu Caamsaa 29, 2013 hanga Waxabajjii 21, 2013 akka ta’u wixinee dhiyeessera.

Boordichi wixinee sagantaa gabatee yeroo filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa haala armaan gadiin ifoomseera.

Muddee 16, 2013 hanga Amajjii 16,2013 yeroo biiroowwan filannoo naannolee banuu.

Amajjii 24, 2013 hanga Gurraandhala 21, 2013 filannoo raawwachiiftootaf leenjii laachuu fi galmee filattoota.

Amajjii 17, 2013 hanga Gurraandhala 21, 2013 filattootaaf hubannoo laachuu fi galmee kadhimamtootaa.

Amajjii 22, 2013 hanga Gurraandha 6, 2013 paartileen siyaasaa mallattoo filannoo galchuu fi murtoo.

Gurraandhala 8 -21, 2013 galmee kaadhimamtootaaGurraandhala 8, 2013 hanga Caamsaa 23, 2013 duula filannoo gaggeessuu.

Amajjii 24, 2013 hanga Eebila 1, 2013 galmee filattoota.Gurraandhala 3, 2013 guyyaa buufataaleen filannoo itti ifoomu.

Gurraandhala 22, 2013 hanga Bitootessa 21, 2013 galmee filattootaa.

Bitootessa 22, 2013 hanga Eebila 1, 2013 guyyaa galmeen filattootaa itti ifoomu.Bitootessa 19 – 21, 2013 carraa tartiiba waraqaa sagaleen itti laatamu.

Bitootessa 22 -23, 2013 guyyaa kaadhimatoonni itti ifooman.Bitootessa 21, 2013 hanga Caamsaa 10, 2013 guyyaa waraqaan sagalee itti laatamu maxxanfamu.

Eebila 16, 2013 hanga Waxabajjii 3, 2013 haala sagalee laachuu ilaalchisee filattootaf hubannoo kennuu.Caamsaa 24 - 27, 2013 guyyaa duulli na filadhaa itti dhaabbatu.

Caamsaa 28, 2013 guyyaa sagaleen itti laatamu.Caamsaa 28, 2013 guyyaa Ummattoonni Kibbaa Lixa Ityoophiyaa sagalee murtoo laatan.

Waxabajjii 5, 2013 guyyaa bulchiinsoonni magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa sagalee itti laatan.

Caamsaa 28 -29, 2013 guyyaa sadarkaa buufatalee filannootti bu’aan filannoo akka biyyaatti itti ifoomu.

Waxabajjii 5 - 6, 2013 guyyaa sadarkaa buufatalee filannootti bu’aan filannoo magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa itti ifoomu.

Caamsaa 29, 2013 hanga Waxabajjii 3, 2013 guyyaa sadarkaa buufata filannoo naannootti bu’aan filannoo itti ifoomu.

Waxabajjii 6 -11, 2013 guyyaa sadarkaa buufatalee naannootti bu’aan filannoo magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa itti ifoomu.

Caamsaa 29, 2013 hanga Waxabajjii 21, 2013 guyyaa Boordiin filannoo biyyaalessaa bu’aa filannoo xumuraa itti ifoomsu.

Wixineen gabatee yeroo kana keessa naannoo Tigiraay akka hin jirres ibsamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015