Tamsaasa Kallatti:

Komishiniin Invastimenti Itiyoophiyaa kenna tajaajila isaa ammayyeessuun Investaroota biyyoota alaa fi biyya keessaa baay’inaan simachuuf qophii ta'uu beeksise

Finfinnee Muddee 14/2013(TOI) -Komishiniin Invastimenti Itiyoophiyaa kenna tajaajila isaa ammayyeessuun Investaroota biyyoota alaa fi biyya keessaa baay’inaan simachuuf qophii ta'uu beeksise.

Riifoormii investimentii haaraa komishinichi qopheesse irratti maree abbooti qabeenya paarikiwwan Indastiritti investerummaan hirmaacha jiraniifi qooda fudhattoota waliin marii taasifame irratti Komishinerri komishinii Investimeentii Itiyoophiyaa Aadde Lalisee Namee akka ibsanitti Seeroonniifi qajeelfamoonni investimanti hojiirra oola turan gama kenna tajaajilatiin rakko bulchiinsa gaari dabalate hudhaalee heddu qabachuu isaatiin fooyyeessuun barbaachisuu isaatiin investaroota biyya alaafis tahe biyya keessaaf akka mijatutti fooyya'u isaa himan.

Rifoormichis komishinichi kenna tajaajila isaa fooyyesuun abbootii qabeenyaa biyyoota alaafi biyya keessaa baay’inaan simachuuf kan kaayyeeffate ta'uu Aadde Laliseen himaniru.

Hojii gaggeessa olaanaan Koorporeshinii Misooma Paarikiiwwan Indastirii Itiyoophiyaa obbo Saanduqaan Debebee gama isaanitiin biyyaa keenya keessa paarkiiwwan indastiriin 12 hojii keessa galuun sharafa biyya alaa maddisiisuun,Carraa hojii uumuun,Ce'umsa teeknolojii guddisuun misooma biyyaa keessatti gahee isaani baha jiru jedhaniiru.

Riifoormiin gaggeeffame kunis investeroota(Abbooti qabeenya) biyyoota alaas biyya keessatiif haala mijaata uumuun kaayyoo Paarkiiwwan industri dhaabbataniif galmaan gahuu keessatti gahee bakka hin buune qaba jedhaniru hojii gaggeessan olaanaan misooma paarkiiwwan indaastiri.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015