Namoonni garee TPLF yakkaan shakkaman Jibuutii akka hin seenneef naannoo daangaatti qindoominaan mootummaa Jibuutii waliin hojjetamaa jira

65

Finfinnee Mudde 13,2013(TOI) - Namoonni garee TPLF yakkaan shakkaman Jibuutii akka hin seenneef naannoo daangaatti qindoominaan hojii mootummaan Jibuutii hojjete olaanaa akka ta'e, Jibuutitti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggayeen ibsan. Dhaabbilee daldalaa TPLF yakkawwan adda addaa irratti hirmaachuu isaaniif mootummaan keenya dhaabbilee sana addaan baasee dhorka irratti baasee qorannaa adda addaa irra akka jiru ni beekama kan jedhan Ambaasaaddarichi , konkolaattonni dhaabbata 'Trans-Ethiopia' fe'iinsaaf Jibuutii galanii turan 179 sababa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Jibuutii dhaabbatanii turan gara biyyaatti deebisuuf haaldureen xumurameera jedhaniiru.Akkuma olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfiin jalqabeen konkolaachiftoonni dhaabbata kanaa gara biyyaatti hin deebinu jedhanii konkolaataa Jibuutii dhaabuu isaanii ibsaniiru. Mootumman Jibuutii konkolaattota kunneen gara biyyaatti akka deebi'anuuf haalduree mijeessuuf gahee olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru. Hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa fudhate deeggaruuf mootummaan Jibuutii biyya kamuu dursee ibsa akka baases ibsaniiru. Pireezidaantiin biyyattis barruu tokko waliin gaaffii fi deebii taasisaniin birmadummaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa eeguuf waan ta'eef, tarkaanfii Bulchiinsi Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad fudhate akka deeggaran ibsuu isaanii Ambassadar Birhanuun himaniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatan Raayyaa Ittisa Biyyaaf birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 ol gumaachuu dubbataniiru. Hidha haaromsaafis bara kana doolaara Ameerikaa kuma 50 walitti qabuuf karoorfannee, karooricha fiixaan baasuun karoora ol walitti qabuuf hojjechaa akka jiran himaniiru. Biyya garaa garaa keessa jiraatanus uummanni biyyoota lamaanii afaan, aadaa fi seenaa waliin qooddatu kan jedhan Ambaasaaddar Birhaanuun,Lammiileen Itoophiyaa Jibuutii jiraatan manni baroonataa akka ijaaraamuu gaaffii yeroo dheeraaf kaasaa turuu irraa kan ka’e mootummaan Itoophiyaa gaaffii kana mootummaa Jibuutiif dhiheessuun lafa ijaarsa mana barnotaatiif oolu akka kennee jirus dubbataniiru. Yuunivarsiitiin Direedhawaa dizaayinii mana barnoota kanaa hojjetee ijaarsa isaaf qophii gochaa akka jiranis himaniiru.Biyyoonni lamaan misoomawwan bu'uuraan walitti hidhamiinsa guddaa qabu jedhanii,daandiin daangaa Itiyoophiyaa irraa kaasee gara biyyattii geessu KM 100 hojiin ijaarsa isaa lafarra harkifatee ture mootummaa Jibuutiin KM 20 hojjetamee hojii akka jalqabe himaniiru. KM 80 hafe ammoo Itiyoophiyaan seentee akka hojjettu mootummaan Jibuutii waan hayyameef kunis hojiin isaa jalqabuuf qophiirra jirama jedhaniiru. Walgahiin IGAD 38ffaan miilana Jibuutiitti taa'ames haala yeroo naannichaa fi vaayiresii koroonaa akkamiin ittisuun akkaataa dandaa'amu irratti akka mari'ate kaasaniiru. Waltajjiin kanatti osoo hin galiin dura Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad biyyoota mufii wal-irraa qaban Somaaliyaa fi Keeniyaa bifa adda addaan mariisuun waltajjiin kun kara nagaan akka gaggeeffamu akka godhanis himaniiru. Dippiloomaasii biyyoonni lamaan addaan kunneerra jedhanii ibsaa turanis dhaabbatee , karaa nagaan xumuramuu akka qabu taasisaniiru jedhaniiru. Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii hojjetames Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dureewwan biyyootaaf haalan ibsuu isaanii himaniiru. Biyyoonni Miseensoota IGADs tarkaanfii Itiyoophiyaan fudhatee akka deeggaranis ibsaniiru jedhan Ambaasaaddar Birhaanuun. Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015