Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Galamsoo Meeshaaleen kontroobaandii salibaajiin to’atame - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Galamsoo Meeshaaleen kontroobaandii salibaajiin to’atame

Finfinnee,Mudde 9/2013(TOI)-Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Galamsoo Meeshaaleen kontroobaandii salibaajiin to’atame.
Meeshaan kunis Birrii kuma dhibbaa saddeetii fi kuma sagaltamii torbaa fi dhibba jahaatti tilmaamaas jedhameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Habroo Saajin Olaanaa Tamasgeen Kadiir kontroobaandiin daldalaa seera qabeessi akka miidhamuuf guddina biyyaafis gufuudha jedhan.
Daldalli seeraan alaa gufuu biyyaa waan ta'eef, hawaasni wantoota shakke qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu, Kantiibaan Magaalaa Galamsoo Aadde Faayiqaa Abdushakuur himan.
Meeshaan kontroobaandii to’atame kunis Damee Gumuraka Awaashitti galii ta’eera.Haaluma walfakkaatuun aanichatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kanneen akka Shugguxii, Boombii, Kilaashiiwwaan gosa gara garaa meeshaalee duubatti hafoo dabalatee meeshaaleen 220 to'atamuu, Abbaan adeemsa hojii kutaa qorannoo yakkaa Aanaa Habroo Ensipektari Haayilamaaram Xibabuu himaniiru.
Hawaasni qaamolee meeshaa waraanaa seeraan alaa sochoosan yoo arge qaama seeraaf eeruu kennuun tumsuu qabas jedhaniiru.
Maddi:- OBN