Weerarri Hoomaa Awaannisaa haaraan biyyoota gaanfa Afriikaatti lammilee hedduu beelaf ni saaxila- FAO

47

Finfinnee,Mudde,8/2013(TOI)-Weerarri Hoomaa Awaannisaa haaraan biyyoota gaanfa Afriikaatti lammiilee hedduu rakkoo hanqina nyaataatiif akka saaxilu dhaabbanni Nyaataafii Qonna addunyaa (FAO) beeksise.

Akka gabaasa dhaabbatichaa guyyaa kaleessaa baheetti baatii darbe kanatti Awaannisaa Biyyoota akka Itiyoophiyaafii Somaaliyaatti haala qilleensa mijataa argachuun baay’inaan walhoranii jiru.

Kun immoo lakkoofsi isaanii kan duraan tilmaamamee caalaa dabalee jira.Awwaannisni bifa haaraan walhoraa jiran kun weerara bal’aa akka qaqqabsiisuu danda’an dhaabbatichi beeksisee jira.

Akka gabaasa FAO weerarri Awaannisaa haaraan ,yeroo ammaa,, Keeniyaa Kaabaafi kallattii lamaan Galaana Diimaatti taasifamaa jiru biyyoota akka Ertiraa,Sawud Arabiyaa,Sudaaniifi Yamaniif yaaddoo guddaa akka ta’es eeree jira.

Weerarri kun lammiilee naannichaa hedduu jireenya isaanii akka miidhuufi rakkoo midhaan nyaataaf akka saaxiluu danda'u .

Hojii ittisa kanaaf dabalataan bara 2021 ALA’tti doolarri Ameerikaa Miliyoona 40 akka barnaachisu Ejensiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.

CGTN gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015