“Itoophiyaa biyya tasgaboofte taasisuuf dhaabbatichi deeggarsasaa cimsee itti fufa” -Ambasaaddar Diinaa Muftii

63

Finfinnee Mudde 06/2013(TOI)- Itoophiyaan biyya tasgabooftuu taasisuuf deeggarsasaa cimsee kan itti fufu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksisuusaa Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambasaaddar Diinaa Muuftii ibsa dhimmoota wayitaawaarratti har’a kennaniin dubbataniiru.

Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin bakka buutoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin marii taasisuusaanii ibsaniiru.

Maricharrattis sodaafi gaafii dhimmoota duula olaantummaa seeraa kabachiisuu ilaalchisee qaban dhiyeessuun deebiin kan kennameef ta’uu himaniiru.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu, bu’aalee argamanii, deeggarsa namummaafi dhimmoota kunneen waliin wal qabate ilaalchisee bakka buutoota dhaabbatichaaf ibsi kennameeraf jedhu Ambaassaaddar Diinaan.

Turban darbe keessaa Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook daaw’annaa hojii Itoophiyaatti taasisan ilaalchisees, bu’aan gaarii kan irraa argameefi adda addummaa biyyoota lamaanii mariin hiikuuf waliigalteerra gahamuusaa ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015