Bordiin Filannoo Biyyaaleessa fiilanno Marsaa 6ffaa barana gaggeeffamu irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kenne hojjechaa jiraachu beeksise

78

Finfinnee Mudde 06/ 2013(TOI) - Bordiin Filannoo Biyyaaleessa fiilanno Marsaa 6ffaa barana gaggeeffamu irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kenne hojjechaa jiraachu beeksise.

Walitti qabduun Boordi Filannoo Biyyaaleessaa Aadde Birtukaan Midhagsaa, hirmaannaa dubartootaan alaatti sochiin siyaasaas ta'e karoorri guddina biyyaa galma gahu akka hin dandeenye beekamaa ta'us, hirmaannaan dubartootaa gama hundaa sababoota qabatama hin taanneen gadi aanaadha jedhaniru.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa, filannoo marsaa 6ffaa baranaa guutuu taasisuuf dubartoonni filatamuu, filachuu, tajjabduummaan akkasumas gaggeesummaan akka hirmaatanif paartileen siyaasaa kana hubachuun hirmaannaa dubartoota akka guddisu qaban himaniru.

Milkaa’ina kanaafis Boordichi xiyyeefannoo kenne hojjachaa jira jedhan Aadde Birtukaan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015