Jimmaa Abbaa Jifaar dirreesaarratti qabxii buuse - ENA Afaan Oromoo
Jimmaa Abbaa Jifaar dirreesaarratti qabxii buuse

Jimma Guraandhala /2011 Piriimer liigii Itoophiyaa dirree isaatti Faasiliin kan keessummeesse Jimmaa Abbaa Jifaar qaxii buuse.
Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii kan buuse morkataa isaa waliin 0 fi 0 bahuu isaatiini.
Liigii waggaa marsaa jalqabaa tapha xumuraatiin kan walitti dhufan gareen lamaan Jimmaa Abbaa Jifaar apha walakkaa dirreetiin caalmaan irraa fudhatamus, yaalii galchii dinqisiisoo ta’an agarsiisuu danda’eera.
Tapha kana hordofuudhaan Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 21 galmeessisuudhaan sadarkaa 9ffaa qabateera.
Faasiil ammoo qabxii 25 sassaabachuudhaan sadarkaa 4ffaa qabateera.
Jimmaa Abbaa Jifaar piriimer liigii Itoophiyaa bara 2010 shaampiyoonaa akka ta’e ni beekama.