Qabsaawota ABOf simannaan taasifamaa jira

71

Naqamte Guraandhala 17/2011 Qabsaawonni ABO buufata qophaa'eef wayita ga'an ummanni simannaa hoo'aa gochaafii akka jiru koreen teekiniikaa gamtaa abbootii Gadaa ibse.

Miseensi koree kanaa fi walitti qabaan gamtaa abbootii Gadaa abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo tajaajila oduu Itoophiyaaf akka himanitti, qabsaawonni ABO hidhannoo hiikkatanii jiddu galeessa qophaa'eefitti galaa kan jiran haala walii galtee mootummaa fi ABOn kanaan dura taasisaniini.

Qabsaa'onni kunneen Oromiyaa lixaatti buufataalee  magaalota Gidaamii, Dambidoolloo fi Qaaqeetti argamanitti dhihaatanii hidhannoosaanii abbootii Gadaatti kennanii wayita galan ummanni naannawa kanneenii gammachuudhaan simachaa akka jiru beeksisaniiru

Qabsaa'onni kunneen fageenyaa fi rakkoo geejjibaarraa kan ka'e dhufuuf fedhii osoo qabanii ammallee kan hin qaqqabne akka jiran eeraniiru.

Yeroo dhihoo keessatti karaa godina  Qeellam Wallaggaa qabsaa'onni ABO 138 gara jireenya nageenyaatti deebi'uunsaanii milkaa'ina guddaa ta'uusaa abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo ibsaniiru.

Waamicha taasifamerratii hundaa'uudhaan kanneen hafanis akka dhufan ergaasaanii dabarsaniiru.

Ittaanaan dura taa'aa fi miseensi koree miidiyaa koree teekiniikaa gamtaa abbootii Gadaa obbo Baqqalaa Garbaa gamasaaniitiin, qabsaa'onni ABO 220 caalan godina Wallagga lixaatti buufata qophaa'eef wayita ga'an ummanni simachaa akka jiru dubbataniiru.

Godinichatti buufattoonni qabsaa'otaaf qophaa'an naannoo Mandii, Najjii, Begii fi gullisoo akka ta'e himaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa akka jedhanitti, qabsaa'onni buufata qophaa'etti dhihaatanii hidhannoosaanii abbootii Gadaatti kennan waggoota dheeraaf dirree qabsoo kan turanidha.

Akkaataa walii galtee mootummaa fi ABOn irra ga'aniin waamicha taasifameef fudhatanii hidhannoosaanii kennanii gara jireenya nageenyaatti dhufuuf murteessuunsaanii kabaja abbootii Gadaaf qaban kan agarsiisu milkaa'ina olaanaa ta'uusaa ibsaniiru.

Kanneen hafanis carraa kanatti fayyadamuudhaan akka deebi'an waamicha dabarsaniiru.

Magaalaa Gidaamii jiraataa ganda tokkoo kan ta'an obbo Saamu'eel Wandimmuu yaada kennaniin, qabsaa'onni kunneen karaa nagaa qabsaa'uuf waamicha taasifameef fudhachuun hawaasatti makamuunsaanii akka isaan gammachiise dubbataniiru.

Qabsaa'onni kunneen hidhannoo hiikanii gara jireenya nagaatti dhufuunsaanii nagaan akka bu'u gumaacha olaanaa akka qabuu fi Ummata Oromoo kan gammachiise ta'uu kan dubbatan ammoo jiraataa naannawa kanaa kan ta'an obbo Salamoon Gammachuuti.

Qabsaa'ota keessaa Molaalee Gonjee yaada kenneen qabsoo hidhannootti kan makame Wallagga lixaa aanaa Begiitti bara 1982 akka ta'e dubbateera.

Waamicha Daawud Ibsaa fi abbootii Gadaa fudhatee dhufuusaa himee, karaa nagaa qabsaa'uuf qophii ta'uusaa fi qabsaa'onni hafanis yeroon kennameefii gara jireenya nageenyaatti akka dhufan taasisuun akka barbaachisu dubbateera.

Qabsaa'aan Yaasiin Abdulqaadir gamasaatiin, jijjiiramni humna qawweetiin dhufu waan hin jirreef haala waamichi dhihaateen hidhannoosaanii abbootii Gadaatti kennanii qabsoo karaa nagaa filachuusaanii ibseera.

Qabsaa'onni bosona keessatti hafanis gara jireenya nageenyaatti akka dhufan ergaasaa dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015