Tamsaasa Kallatti:

Sanyiilee bunaa dhibeef goggogiinsa dandamachuun oomisha ol’aanaa kennaniif xiyyeefannoo kennaniin hojjachaa jiraachuu Godina Baalee bahaatti horsiisee bultoonni aanaa Laga hidhaa himan

Finfinnee Sadaasa 29/2013(TOI)- Oomishaaf oomishtummaa misooma bunaa irraa argamu ol guddisuufiif fayyadamummaa qonnaan bultootaaf horsiisee bultootaa daran dabaluuf sanyiilee bunaa Qorannoo qonnaa irraa argaman babal’isuu irratti xiyyeefannoon hojjachaa jiraachuu Waajjirri Qonnaaf qabeenya uumamaa Godina Baalee Bahaa hime.

horsiisee bultoonni aanaa Laga Hidhaa misooma bunaa irratti hirmaachaa jiran akka jedhanitti kanaan dura naannoo isaanii hanqina roobaatiif saaxilamaa waan tureef horsiisa loonii qofarratti waan hundaahaniif jireenyi isaanii fooyyefachuurratti hudhaa akka itti tahe himan.

Loon qofa horsiisuun jiruu fooyyeessuun akka hin dandahamne waggoottan muraasaa as hubachaa waan dhufaniif misooma bunaatiifii oomishaalee gabaa irratti barbaadaman oomishuu jalqabuu isaaniitiin fooyya’iinsa abdii jireenyaa itti horuu himan.

Akka horsiisee bultoonni jedhanitti oomisha bunaa misoomsaa jiran irraa daran fayyadamoo tahuuf sanyiilee filatamoo qorannoo irraa bahanitti dhimma bahuuf hojjachaa jirra jedhu.

Itti gaafatamaan waajjira Horsiisee bula aanaa Laga hidhaa obboo Umar Muhammad gama isaaniitiin aanichatti horsiisee bultoonni mala aadaatiin horii horsiisaa turan irraa gara qonnaa gammoojjii hammayyaatti akka cehaniif deeggarsi ogummaaf hordoffiin godhamaa jira jedhan.

Keessattuu misooma bunaa gandoota aanichaa 15 keessatti misoomaa jiru gara gandoota haala qilleensa misooma bunaatiif mijata tahan biroottis babal’isuuf fayyadamummaa horsiisee bultootaa daran dabaluuf xiyyeefannoon hojjatamaa jira.

Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaaf qabeenya uumamaa Godina Baalee Bahaa obboo Shukrii Xaahaa gama isaaniitiin godinichatti oomishaaf oomishitummaa misooma bunaa irraa argamu dabaluuf sanyiilee bunaa qorannoo qonnaarraa argaman babal’isuuf hojjatamaa jira.

Misooma bunaa aanaalee godinichaa muraasa keessa qofatti misoomaa jiru babal’isuun fayyadamummaa qonnaan bultootaaf horsiisee bultootaa dabaluuf buufata sanyii bunaa mootummaafii dhuunfaa irratti biqiltuu sanyii bunaa qopheessaa jiraachuu himan.

Obboo shukriin akka jedhanitti sanyii bunaa babal’isuuf hojjatamaa jiru galteewwan qonnaa hundatti dhimma bahuun oomishtummaa bunaa heektararraa kuntaala 6 qofa irra jiru gara kuntaala 12tti guddisuu kan dandeessisu tahuus eeran.

Godina Baalee bahaatti lafti heektaarri kuma sadihiif 300 ol biqiltuu bunaatiin uwwifamuu isaa ragaan waajjira qonnaaf qabeenya uumamaa Godina Baalee bahaarra argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015