Guyyaan ayyaana saboota fi sablammoota fi ummatoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa biyyaaleessaatti simpooziiyamiin gaggeeffama jira

84

Finfinnee, Sadaasa 29/2013 (TOI) –Guyyaan ayyaana saboota fi sablammoota fi ummatoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa biyyaaleessaatti simpooziiyamiin gaggeeffama jira.

Saganticha irratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin, Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoo, Af-yaa’ii mana maree federeshinii Adam Faaraah, pireezdaantoonni naannoolee, ministiroonnii fi bakka bu’oonni saboota, sablammoota fi ummatoota akkasumaas Abbootiin Gadaa fi gaggeesitoonni amantaa argamniiru.

Waltajjicha haasaawaan kan bana, Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Adam Faaraah Sadaasni 29 guyyaa Heerri Mootummaa Itoophiyaa itti ragga'e; kanaaf guyyaa kana dhimmoota tokkummaa sabootaa caalaatti cimsan irratti xiyyeeffachuun, aadaafi duudhaa adda addaa miidhagina biyya kanaa ta'an leellisuu qabna jedhan.

Riifoormiiwwan sadarkaa biyyaatti gageeffameef gaaffiin saboonni walqixxummaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaarratti kaasaan isa bu'uuraati jedhan.Kanaaf biyya waloo lammiileen hundi wal qixa keessatti walabummaan hojjatanii gaaffii siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa qabaniif deebii itti argatan ijaaruuf ni hojjanna jedhan.

Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Dammaqaa Mokonnin, kabajni ayyaana baranaa adda; yerootti Raayyaan Ittisa Biyyaa humna garaagarummaa sabootaa, sablammootaa fi uummattoota biyyattii bal'isuun wal nu nyaachisaa turerratti raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhatetti kabajaa waan jirruuf jedhan.

Saboota, sablammoota afi uummattoota biyyattiis ya'aa laggeeniin wal fakkeessan; burqaa gara garaatu lafa tokkorraa burqee laga jabaa tokko ta'ee ya'a jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015