Dorgommiin Ispoortii aadaa guutuu Itoophiyaa 16ffaa magaalaa Ambootti jalqabame

103

Ambo Guraandha 16/2011 Dorgommiin ispoortii aadaa guutuu Itoophiyaa 16ffaa fi feestivaaliin aadaa har'a magaalaa Ambootti jalqabame.

Naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Kibbaa fi Hararii bakka bu'uudhaan dorgommii kanarratti kan hirmaatan ispoortessitoonni 500 ol argamaniiru.

Dorgommiin kun mata duree "hirmaannaan keenya ispoortii aadaa nagaa fi tokkummaa keenyaaf" jedhuun amma Guraandhala 24 bara 2011 tti gosoota ispoortii aadaa 12n ni adeemsifama.

Sirna baniinsaarratti dorgommii dubartootaan kiiloo giraama 53 anmma 57tti Oromiyaa fi Amaaraa jidduutti tapha wal'aansoo taasifameen Oromiyaan 3 fi 0n mo'ateera.

Ministirri adaa fi tuuriizimii RFDI Dr. Hiruut Kaasaa gamasaaniitiin, dorgommicha wayita jalqabsiisan "Ispoortii aadaa abbootiin keenya eeganii nutti kennan kabajuu fi kunuunsuu qabna" jedhaniiru.

"Gosni ispoortii damee kanaa jaalalaa fi obbolummaa kan cimsanii fi gabbinni aadaa fuulduratti akka tarkaanfatu kan taasisan waan ta'eef jajjabaachuu qabu"  jechuun ergaa dabarsaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Amboo obbo Tarrafaa Badhaadhaa gamasaaniitiin, jiraattonni magaalaa Amboo fi naannawashee naamusa ispoortii kabajuudhaan dorgommicha hordofuudhaan akka deeggaranii fi akka jajjabeessan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015