Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira

56

Finfinnee.sadaasa,24/2013(TOI)-Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

Guyyaan kun dhaadannoo "walqixxummaa fi tokkummaan sabdaneessummaa Badhaadhina waliiniitiif "jedhuun kabajamaa jira.

Sirna kabajaa ayyanaa kanarraatti argamuun haasaa kan taasisaan Pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa Guyyaan kun guyyaa heerri biyyattii itti ragga'e waan ta'eef guyyaa kanaa ol guyyaan guddaan hin jiru jedhani.

Heeraa kana humnaan ukkamsudhaan saamichaaf ajjeechaa ture itti fufsiisuuf yaala kan ture humni juntaa TPLF rukutamee boollatti galeras jedhan.

Humni Juntaa ABUT kun dhugaa wan hin qabneefiDhiiga dhangalasaa tureetu cubuu itti ta'ee injifatame kan jedhan Pirezidaanti Shimaallis amman booda dhugaan ala biyya kana hogganuun akka hin danda'amenii mo'amuun farreen heeraa kun mul'isitudha jedhan.

Warri TPLF jala hirirun sirna federaalizimii diigaa jirtuu nun jedhan qabsaa'ota kufan illee ni irranfatan.Kanaa ol immoo gad deemuun hin jirus jedhaniru Pirezidanti shimallis haasaa isaanin.

Itoophiyaa keessaatti ammaan booda humni kamuu bakka amma irra geenyee gaditti nu deebisu hin jiru. Sirni qeenxeen biyyattitti ijaarammus hin jiraatu. Kanaaf fakkenyii gaariin Naannoo dabalataa ijaaruun caalaa sirni federaalizimii dhugaa ijaaruu mirkaneessu hin jiru. Gaaffiin akkasii ammas ni keessummeffama jedhan .

Gara fulaa durattis Federaalizimii haqaa lafa qabate hojii qabatamaan mirkaneessaaf eenyummaan Itoophiyummaa eenyummaa sabummaa keenyadha . Biyya itti duunee ijaarre kana immoo seenaa haaraa hojjennee fuladuratti akka deemtu tasisinaas jedhaniru. Kanaaf immoo Itoophiyaa bakka gahu qabduun gahuuf xiiqii olaanan hojjetaa jiras jedhaniru

Biyya hundu walqixa ta'ee fi obbolummaan dhugaa keessatti dagaagu kan murteen hubdi dimokiraasiin keessatti murtaa'uu ijaaruuf hojjechaa jiras jedhan.

Ayyana kana waggaatti altokko qofa kan itti kabajnu qofa otoo hin taane dhaadannoo kana hojiin agarsiifna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015