Ayyaanni sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaan Sadaasa 29, 2013 Finfinneetti kabajama.

61

Finfinnee, Sadaasa 23/2013 (TOI) – Ayyaanni sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaan Sadaasa 29, 2013 Finfinneetti kabajama.

Ayyaanichi qopheessumaa mana maree federeeshiniinitiin dhaadannoo 'Walqixxummaa fi Tokkummaan Sabdaneessi Badhaadhina waloof' jedhuun Finfinneetti akka akka kabajamu manni maree Federeeshinii beekisisera.

Ayyaanni sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa bara kanaa sababa vaayrsii koroonaan addabaabayiitti kan kabajamu yoo ta’uudha baatellee, duudhaa sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa fiilmiin agarsiisuu akka qophaa’u Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Adam Faaraah ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015