Hojiin keenya itti aanu Tigraay ijaarudha”-Doktar Abiyyi Ahmad - ENA Afaan Oromoo
Hojiin keenya itti aanu Tigraay ijaarudha”-Doktar Abiyyi Ahmad
Yaalii gareen finxaaleyyii ABUT biyya diiguuf taasiise fashaleessuun danda’amuusaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad wal gahii idilee addaa 2ffaa Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa gaggeesserratti himaniiru.
Haleellaan gareen finxaaleyyii ABUT naannoo Tigiraay raayyaa ittisa biyyaa Iizzii Kaabaarratti eegale naannoo biroo fi biyyoota ollaatti akka hin ceene fashaleessuuf hojiin hojjetame bu’aa olaanaa argamsiiseera jedhan.
Qaamolee nageenyaafi hawaasa kallattii hundaan shira garee finxaaleyyii fashaleessuu keessatti qooda olaanaa ba’an galateeffaniiru.
Biyyi tun akka itti fuftu yoo barbaadame Raayyaa Ittisa Biyyaaf kabaja laachuun barbaachisaadha jedhan.
Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu raawwatamaa ture lammii nagaafi qabeenyarra miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin yeroo gabaabaa keessatti xumuruun danda’ameera jedhan Doktar Abiyyi.
Gootummaa hoggantoota kutaa ajaja waraanaa ergama itti laatame lubbuusaanii osoo hin qusatiin gahumsaan xumuran dinqisiifataniiru.
Uummanni Tigiraay haleellaa gareen finxaaleyyii ABUT raayyaa ittisa biyyaa Iizzii Kaabaarratti raawwate mormuun duula gaggeeffamaa tureef deeggarsi taasiise kan dinqisiifamu ture jedhan.
Kana booda “Hojiin keenya ittaanu Tigraay ijaarudha” jedhan.
Namoota qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisaanii dhaabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuuf qophiin xumurameera jedhaniiru.
Rakkoo ummanni naannichaa yeroo ammaa keessa jiru furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru