Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti barnoonni eegaleera

Finfinnee, Sadaasa 21/ 2013 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti Barnoonni baraa kana addaan cite turee har’a eegaluu Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.

Naannichatti oolmaa daa’immaniitiin ala adeemsi baruu barsiisuu eegaleera.

Barnoonni oolmaa daa’immaniis torbee lamaaf dheerachuu biirichi ibseera.

Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa Sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti kan laatamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise turuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015