Obbo Dammaqaa Mokonnin Gorsaa Dhimma Alaa fi Imaammata Nageenyaa Chaansilaara Jarmanii Dooktar Jaan Heekar waliin mari’atan.

56

Finfinnee, Sadaasa 18/2013 (TOI) – Obbo Dammaqaa Mokonnin Gorsaa Dhimma Alaa fi Imaammata Nageenyaa Chaansilaara Jarmanii Dooktar Jaan Heekar waliin mari’atan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Gorsaa Dhimma Alaa fi Imaammata Nageenyaa Chaansilaara Jarmanii Dooktar Jaan Heekar waliin mari’ataniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Olaantummaan sochii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti eegalame ilaalchisuun ejjennoo mootummaan qabu ibsa taasisaniiru.

Adeemsa seera kabachiisuun qaamoleen kenninsa deeggarsa namoomaa idil addunyaa tajaajilaaf mijataa fi koriidariin sochii bilisaa mijachuu ibsaniiru.

Olaantummaan seeraa kabachiisuu kun ariitiin akka xumuramu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015