Addunyarratti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonan qabamanii Miiliyoona 60 ol gahu Yuunivarsittin Joohan Hapikiins beeksise.

53

Finfinnee, Sadaasa 17/2013 - Addunyarratti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonan qabamanii Miiliyoona 60 ol gahu Yuunivarsittin Joohan Hapikiins beeksise.

Akka gabaasa Yuunivarsittiin Joohan Hapikiinsitti yeroo namoonni Miiliyoona 60 fi kuma 700f kuma 21fi 235 yoo gahu namoonni miiliyoona 1fi kuma 400fi kuma 13fi 325 immoo lubbuun isaanii darbeera.

Ameerikaan ammaas biyyoota vaayirasichaan miidhaan irra qaqqabe keessa addaa dureedha.

Biyyattiitti sa’atii 24 darbe keessatti lammiileen kuma 12 vaayirasii kanaan yoo qabaman hanga ammaa namoonni kuma 200fi kuma 60fi 591 du’aniiru.

Akka gabaasa Yuunivarsitti Joohan Hapikiinsitti walumagalatti biyyoonni 11, namoota Miiliyoona 1 ol vaayirasii kanaan qabaman galmessera.
Madda:- CGTN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015