Sa'aatiin 72 kenname xumuurame-Ministira Muummee Dr.Abiyyi

75

Finfinnee sadaasa 17/2013(TOI)- Olantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfiin fudhachaa jirru boqqonnaa isa dhumaa irra gahee jira jedha ibsi waajjira ministira muummee irraa bahe.

sa'aatii 72 kenname keessatti humni addaa tigraay kumaan lakkahamani fi misensonni minishaa Tigraay raayyaa ittisa biyyatti harka kennatan.

Dargagoonni Tigraay hedduun isaanis gocha badii ABUT hubatanii irraa of qoqobanii jiru.kun sa'aatii dhumaatti ta'us murtee nama itti gafatamummaan itti dhagahamuun fudhatamu jedhame.

Mootummaan sa'aatii 72 garee kanaaf kan kennee sababa lamaafi.

Tokko kaayyoon guddaan olantummaa seeraa kabachiisuuf malee waraana akka hin taane hubachiisufi. Juntaan karaa nagaan harka yoo kennate hojii olantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu karaa salphaa fi gatii xiqqaan xumuuruuf ture. kanaafis irra deddeebiin carraan hedduun kennamee jira.

Inni lammaffaa ABUT gocha badii raawwataa jiru itti dhagahamee namni tokkos gocha badii kana irraa yoo deebi'e lubbuu namnichaa hambisuuf jedhameeti. kana booda sababa Juuntaan fedhii dhabeef balballi nageenyaa banameefii ture cufamee jira.

Raayyaa ittisa biyyaaf duula marsaa sadaffaa isa dhumaa akka raawwatu ajejni darbeefi jira.

Raayyaan ittisa biyyaas lammiileen nagaa akka hin miidhamnee fi humna uummata keenyaan kan ijaaramte magaalan maqalee irra balaan hamaan akka hin geenye ofeeggannoo ni taasisa.
Uuummanni magaalaa maqalee fi naannawa ishee hidhannoo hiikkatee bakkeewwan xiyyeffannoo waraanaa ta'an irraa fagaachuun mana isaanii akka taa'an ofeeggannnoo hunda akka taasisanh waamicha dhiheessina jedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015