Aadde Adaanach madda anniisaa balfa Gogaa Raphii daawwatan

69

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (TOI) – Itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen madda anniisaa Balfa Gogaa Raphii daawwataniiru.

Daawwannaa kanarratti aadde Adaanach fi hojii gaggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa magaalaa Finfinnee fi qaamooleen dhimmichi ilaallatu argamaniiru.

Rakkoo hanqina dhiyeessii galtee fi baajataa darbee darbee madda anniisichaa muudatu haala furuun danda’amurratti hoggantoota kanneen waliin mari’atameera.

Maddi anniisaa Balfa Gogaa Raphii lafa hektaara 32 irra kan qubate yoo ta’u waggaatti Geegaa Waatii 185 humna elektirikaa maddisiisuu danda’a.

Yeroo ammaa dhaabbaticha hanqinni dhiyeessii galtee fi baajataa muudachuu hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Injiinar Biruuk Eebbaan ibsaniiru.

Dabalataan aadde Adaanach iddoo dhabamsiisa balfa gogaa daawwachuun hojjettoota iddichatti hojjetan dubbisaniiru.

Sababa dhiphina iddoon jiraattoota naannoo sanarratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu daayreektarri Eejansii Balfa Gogaa Dooktar Isheetuu Lammaan dubbataniiru.

Hanqinoota jiru furuuf kan hojjetamu ta’uu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015