Tamsaasa Kallatti:

Kaayyoo biyya bittineesuu gareen Juntaan TPLF qabate fashalaa'eera- Shumii Itaamaajoori Waliigalaa Humnoota Waranaa Jeneeraala Birhaanuu Juulaa

Finfinnee,Sadaasa 09/2013(TOI)- Kaayyoo biyya bittineesuu gareen Juntaan TPLF qabate fashalaa'eera- Shumii Itaamaajoori Waliigalaa Humnoota Waranaa Jeneeraala Birhaanuu Juulaa

Jeneeraal Birhaanuun haala yeroo biyyaarratti ibsa kennaaniru.

Itoophiyaa gara waraanaatti galchuun biyya bittineessuuf Kaayyoo gareen Juntaa TPLF qabatee fashalaa'uusaa Shumiin Itaamaajoori Waliigalaa Humnoota Waranaa Jeneeraala Birhaanuu Juulaa
beeksisaniiru.

Akka Jeneeraala Birhaanuun jedhanitti raayyaan ittisa biyyaa adda waraana hundatti injifannoo boonsaa argateera.

Gareen Juntaa kun tokkoon tokkosaanii humna namaa 2500 birgeeddii humna addaa 11, hidhattoota zoonii birgeeddii 14 fi kan milishaa birgeeddi 1 kan qabu, wayita ammaa lubbuusaa baraaruuf of miliquu tattaafachaa jira jedhaniru.

Gootni raayyaa keenyaa Lixa Tigraayi Daanshaa- Baa'ikar, Adigooshuu,Adii Hagaraayi,Adiiguuzam cabsuun kaleessa Shiree to'ateera jedhan Jeneeraal Birhanuun.

Karaa Kibba Tigraayinis Waajjaa kaasee Allaamaaxaa, Kooram qabachuun gara fuulduraa itti fufeera jedhaniru.

Adda Bahaa Tigraayin ammoo, Carcar, Mohoonee, Raayyaa Qobboo fi iddoowwan biroo to'annoojala olcheera jedhaniru.

Kanaanis Juntaa kana seeratti dhiheessuuf imala isaa itti fufuusaas himaniru.

Naannoowwan bilisa bahanirratti hawaasni raayyaa biyyaaf deeggarsa olaanaa gochuurratti akka argamu kan himan Jeneeraal Birhaanuun, hawaasni karaa duubaan raayyaa biyyaa akka haleeluuf meeshaa waraanaan hidhachisanis, osoo waan tokko hin dhukaasiin matrayyasii fi kilaashii 200 Addikokkabi fi Shiree irratti raayyaaf kennuusaanis himaniru.

Juntaan kun komaandi poosti fi dhukaastoota mana amanti keessa galchuus raayyaan ittisaa biyya adda qoode haleeluuf carraaqquurratti argamaas jedhaniru.

Wayita ammaa Juntaan kun kaayyoo Itoophiyaa waraanaatti galchuun fi bittineessuuf qabatee kan jalaa fashalaa'ee fi marfamuusaatiin lubbuu ofi of baraaruuf baqachuurratti akka argamuus Jeneeraal Birhaanuu ibsa har'a kennaniin mirkaneessaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015