Tarkaanfiin seera kabachiisuu Naannoo Tigiraayitti fudhatamaa jiru garee juntaa ABUT irratti kan xiyyeeffateedha- Waajjira Ministeera Muummee

77

Finfinneee,Sadaasa 09/2013(TOI)- Tarkaanfiin seera kabachiisuu Naannoo Tigiraayitti fudhatamaa jiru garee juntaa ABUT irratti kan xiyyeeffateedha- Waajjira Ministeera Muummee

Tarkaanfiin seera kabachiisuu Naannoo Tigiraayitti fudhatamaa jiru olaantummaan garee juntaa seeramaleessaa ABUT, Itoophiyaa keessatti waliiti bu’iinsi akka babal’atu taasisuurratti kan xiyyeeffateedha jedha ibsi Waajjirri Ministeera Muummee baase.

haa ta’uutii sosochii olaantummaa seeraa kabachiisuu taasiifamu keessatti wanti saba yooka loogiin tokko jira jedhu yaada dogongoraa ta’uu waajjirichi ibsa har’a baaseen eereera.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu yeroo ammaa naannoo Tigraayitti hojjetamaa jiru garee biyya diiguuf socho’u, finxaaleyyii fi shiraan guutame irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaamni kaamiiyyuu sirriitti hubachuu qaba jedhamera..

Cancala garee yakkamtootaa kana kutuuf mootummaan federaalaa murannoon hojjechaa jiraachuu waajjirichi ifoomseera.

Duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kana keessatti ummanni Tigraay adda durummaan miidhamoo ta’aniiru kan jedhe ibsichi, kaayyoon duulichaa Itiyoophiyaa sabdaneessaan boontu, sabaa fi sablamoonni tokkummaan keessa jiraatanii fi badhaate arguudha jedhamera.

Ummanni Tigraay ummata keenya, ummata kanarra rakkoon kamiiyyuu akka qaqqabu hin barbaannu, qaama kana raawwatuufis obsa hin qabnu jedhe ibsi waajjirichi baase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015