Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuzitti fi Gaanbellatti sirnoota garagaraan gaggeeffameera

62

Finfinnee, sadaasa,08, 2013(TOI)-Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuzitti fi Gaanbellatti sirnoota garagaraan gaggeeffameera.

Oromiyaa magaalaa Adaamatti "Kabaja Raayyaa ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha" Mata duree jedhuun Galma Abbaa Gadaatti dhaabbileen garagaraarraa dhaadannoolee dhageessisanii jiru.


Akkaadaamii hooggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ,Inistitiyuutiin Leenjii qaamolee haqaa Oromiyaa fi dhaabbanni bulchiinsa Gamoowwanii Daandiiwwan Galma Abbaa Gadaa fuunduratti bahuun harka mirgaa isaaniin laphee qabatanii kabaja Raayyaa ittisaaf qaban argisiisan .

Aantummaa Raayyaa ittisaaf ni dhaabbanna , waan qabnuun deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophiidhas jedhan.

Sagaantaan kun naannoo Ganbeellaattis geggeeffamera.Kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhaabbachuun kabaja ofiitiif dhaabbachuutti lakka’amu akka qabu Pireezdaantiin naannoo Gambeellaa Umood Ujuluu sirna kanarratti ibsaniiru.

Obbo Umood Ujuluu, gareen gantuu ABUT haleellaa raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate uummattoota naannoo Gambeellaa mufachiiserras jedhan.

Sirnicharratti kutaan hawaasa garaagaraa hirmataniiru.

Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ naannoo Beenishaangul Gumuuzittis sirnoota garagaraan gaggeeffameera.

Saganticharratti hoggantoonnii fi miseensoonni qamoolee nageenyaa naannichaa, kutaaleen hawaasaa garaagaraa fi hojjattoonni mootummaa hirmaataniiru jedhamera.

Maddeen gargaraa irraa odeeffannee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015