Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ gaggeeffama jira

52

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (TOI)- Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ har’a bakka garaagaraatti gaggeeffama jira.

Sagantichi guyyaa keessaa sa’aatii 5:30 irratti bakkoota garagaraatti daqiiqaa 2f kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirnoota garagaraatin raawwatamaa jira.

Sa’aatichatti Itiyoophiyaannoonni hundi bakka jiranitti daqiiqaa 1f harka isaanii mirga lapheesaanii bitaarra ka’uun dhaabbachuun kabaja raayyaa ittisa biyyaaf qaban ni ibsu.

Sirni daqiiqaa tokkoof dhaabbachu erga xumuramee booda harkaa waliitti ruukutuun deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban ni mirkaneessu.

Kutaaleen hawaasa magaalaa Finfinnee hundarraa waliitti babba’aan, ogeeyyiin aartii ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ istaadiyoomii Abbabbaa Biqilaattiin deeggarsa isaanii ibsa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015