Jiraattonni Magaalaa Gaambeellaa hiriira ba'uun garee finxaaleyyii ABUT balaaleffatan

61

Finfinnee Sadaasa 07/2013(TOI)-- Jiraattonni Magaalaa Gaambeellaa hiriira ba'uun garee finxaaleyyii ABUT balaaleffatan.

Jiraattonni magaalaa Gambeellaa kunneen gocha gara jabinaa gareen Juuntaa ABUT Raayyaa Ittisa biyyaa irratti raawwate balaaleffachuun hiriira bahaniiru.

Gochi garee finxaaleyyii kunneen Raayyaa Ittisa biyyaa Ajajaa Kaabaarratti raawwatan gocha biyya ganuufi yakka shororkeessummaati;kanaaf cimsinee ni balaaleffanna jedhan.

Murni ABUT gochaa biyya diiguuf kaayyefate hojjetaa jiru kana dhaabsisuuf tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhachaa jiru akka deeggaran himaniiru.

Pirezedaantiiin Naanoo Gaambeellaa, Obbo Umod Ujuluu gareen ABUT gocha gara jabinaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti fudhatan qaanessaa fi birmadummaa biyyaa dabarsee kan kennedha jedhan.

Walitti dhufeenyi obbolummaa ummata Gambeellaa fi Tigiraay ture cimee itti fufu jedhaniiru.

Ummanni Tigiraayi ta'e ummanni biyyattii hundi gocha badaa garee Juuntaa ABUT kana balleessuuf Raayyaaa Ittisa biyyaa cinaa dhaabbachuu akka qaban himaniiru.

Gareen finxaaleyyii ABUT abdii waan kutataniif iddo gara garaatti garee haleellaa raawwatan bobbaasuu waan danda'aniif uunmanni Gambeellaa qaamolee nageenyaa waliin ta'ee naannoosaa eeggachuu qaba jedhaniiru. Madda:- Waajjira Pirees Seekireeteriyaatii Mootummaa Naannoo Gaambeellaati

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015