Tamsaasa Kallatti:

jiraattonni Amboo,Walisoo fi godina Halaabaa gocha garee ABUT hirira bahuun balaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (TOI)- Jiraattonni godina Halaabaa hiriira balaaleffannaa garee badii ABUT gaggeesan.

Hiriirichaan tarkaanfii seera kabachiisuuf fudhatamu kan deeggaran ta'uu beeksisaniiru.

Sangaa 255, hoolotaa fi re'oota 36, maallaqaan ammoo Birrii miiliyoona 6 deeggarsaan laataniiru.

Biyyi gootota wareegamtoota abboottii keenyan walabummaan eegamtee as geesse yoomuu gantoota akka Juuntaa Wayyaaneen hin diigamtuu jedhan hawaasni bulchiinsa Magaalaa Walisoo fi Godina Shawaa Kibba Lixaas.

Jiraattonni kunneen deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi balaleffannaa ABUT irratti qaban hiriira bahuun ibsatanii jiru.

Deeggarsa haamileef taasifame malees goototaa fi waardiyyoota Itiyoophiyaa kan ta'an Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa kan ta'u, bulchiinsi Magaalaa Walisoo sangoota 35 fi hoolota 7, Aanaaleen Godina Shawaa Kibba Lixaa sangoota 34 fi qarshii kuma 400fi kuma 80 arjoomaniiru.

Jiraattonni kunneen kaleessa gootonni abboottiin keenya kanneen akka Dajazmaach Garasuu Dhukii, Baalchaa Saafoo fi G/Maariyaam Gaariifaan gatii aarsaa itti kanfaluun asiin gahan akka diigamtuuf hin eeyyamnu jedhan.

Waan ta'eefis tumsa barbaachisaa hunda RIB'f kan taasisanii fi gaaffii mootummaan gaafate hundaan bira dhaabbachuuf qophii ta'uusaanis himaniiru.maddi OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015