"Naannoo Oromiyaatti Barnoonni Kutaa 8 fi 12 Sadaasa 7 ni Eegalama". Dr.Tolaa Bariisoo

93

Finfinnee, Sadaasa, 4,2013(TOI)-Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo Miidiyaaleef ibsa keennaniin, Sababa COVID -19tiin bitootessa bara 2012 hanga ammaa manni barumsaa cufaa turee jira jedhan.

Barattoonni mil 10.6 ol manatti deebi'anii turan kun rakkoo xiinsammuu guddaa uumee jira. keessumaa ijoolleen shamarranii heerumaa yeroo maleef isaan saaxilee jiraas jedhan.

Haala biyyattii giddu galeessa godhachuun barnoota eegaluuf sochiin taasifamaa tureera. koreen dhimma kanaaf sadarkaa olii hanga gadiitti hundaa'ee hojiitti galameera. Qophii taasifamee leenjiin barsiisotaaf kennamee akka jiru himaniiru.

"Barsiisonni ijaarsa biyyaa keessatti gahee bakka hin buune qabu" jedhan. Dr.Tolaa Bariisoon, Haala baruu barsiisuu milkaa'uuf nageenyi murteessaa waan ta'eef akkasumas jijjirama biyyaaf gumaachuu irratti leenjiin kennamaa turuu isaafi barsiisaa kuma 200 ol leenji'uu ibsuun leenjiin booda barsiisonni ejjennoo isaanii ibsaniiru.

1, ffaa barnoota qulqullina qabu kennuu
2 , Eeggannoo covid adda durummaan
3, Rifoormii siyaasa dinagdee
4,Nageenya Mana barumsaa eeguu keessatti gahee isaanii bahachuu
5 , Humna juuntaan tarkaanfii ittisa biyyaarratti fudhate kan balaaleffatan ta'uufi RIB cina dhaabachuu isaanii RIBf qarshii mil 2.7 kuma 85 meeshaalee barnootaa harka qalleeyyiif gumaachanii jiru.

Barattoota haaraa kutaa 8 fi 12'n barnoonni sadaasa 7 kan jalqabamu ta'uu isaa ibsameera

Maaskii waadaa galameen alatti maatiin waan argamurraa ijoollee isaaniif dhiyeessuun galma gahinsa barnotaaf akka gumaachan waamicha isaanii dabarsaniiru.

Ijoollee mil 1.6 barnootaaf hin galmoofne maatiin barattoota gara barnootaatti erguun akka galmeessan dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Tajaajila lamummaan hojiin barana hojetame baay'ee milkaawaa ta'uu Dr.Tolaan ibsan.hojii kanaan qarshiin bil 4.9 uummataan kan walitti qabame ta'uu ibsaniiru.

Daree dabalataa kuma 34 ol kan ijaaraman ta'uufi manneen kitaabaa kuma 5 ol ijaaramuu isaanii akkasumas ,paarkii dubbisaa kuma 30 ol ijaaramuufi Mana fincaanii , bishaan, kitaaba reference mil 1.ol walitti qabamuun raabsamanii jiru.

Biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaatu gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015