Miseensoota Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame - ENA Afaan Oromoo
Miseensoota Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (TOI) - Miseensoota Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame.
Miseensoota Poolisii wayita qorannoo gaggeessaanii fi hidhamtoorratti reebichaa fi miidhaa hin barbaachifne qaqqabsiisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.
Qajeelcha poolisii tajaajila hawaasaa kutaa bulchiinsa Eekkaatti Komaandar Basaziinaw Aklook akka ibsanitti miseensoota Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.
Yeroo itti aanuus hordofii barbaachisuu taasisuun miseensoota Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwatanirratti tarkaanfiin barbaachisu kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.
Kutaa bulchiinsa Boolee fi Eekkaatti haala qabatamaa jiruun walqabatee miseensoonni Poolisii sarbama mirga namoomaa raawwachuun shakkaman hedduun to’annoo jala ooluu isaanii ragaan Abbaa Alangaa Waliigalarraa argame ni agarsiisa.