Hidhattoonni ABUT to'ataman humni addaa fi dargaggoonnii kayyoo badii ABUT hojirra olchurra akka of qoqqoban dhaaman.

Finfinnee, Sadaasa 1/2013(TOI) “ Hidhattoonni garee fiinxaleyyii ABUT to'ataman humni addaa fi dargaggoonnii raawwachiftoota kaayyoo badii ABUT ta'uu akka hin qabne dhaaman.

Torban darbe gareen finxaleeyyii ABUT raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaa irratti haleella rawwateera. Kana hordofuunis ajaja muummeen ministira doktar Abiy kennaaniin raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa egisisuufi olaantummaa seeraa kabachiisuf opireeshiinii geggeessa jira.

Makaanayizidiin raayyaa ittisa biyyaa kutaa waraanaa 5ffa hidhatoota garee fiinxaleeyyii ABUT to'annaa jala olchaa jira.

Hidhattoonni garee fiinxaleeyyIi ABUT kun yeroo humna addaa naannoo Tigrayiitti dabalaman jiruu isaanii jijjiranii jirachuuf malee rayyaa ittisa biyyaa waliin wal waraanuuf akka hin taane himaniru.

Jiruu isaanii jijjiruuf gara humna adda naannoo Tigraayitti galaniis kayyoo badii garee fiinxaleeyyi ABUT humanaan galaman akka gahaan tasifamuu isaanirran kan hafee
bu'aan argatan akka hin jirres dubbataniru

Akkan hidhattoonni garee fiinxaleeyyii ABUT to'ataman jedhanitti Rayyaa Ittisa biyyaa waliin walitti bu'uu jechuun Itoophiyaa waliin walitti bu'udhaas jedhaniiru.

Kanaaf humni addaa Tigraayifi dargaggoonni kayyoo badii gareen fiinxaleyyii ABUT qabatanii jiran dhiisanii rayyaa ittisa biyya waliin ta'u akka qabanis dhaamaniru.

Hidhattoonni to'annaa rayyaa ittisa biyyaa jala olaan kunneen ergaa to'atamanii booda rakkoon isanirra gahee akka hin jirreefi halaa gaarii irra kan jiran ta'uus himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015