Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa,Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to'ateera"Janaraal Biraanuu Juulaa

73

Finfinnee Onkololeessa 29/2019(TOI) - "Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa,Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to'ateera"Janaraal Biraanuu Juulaa.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa,Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to'achuusaa, Itaamaajor Shuumii Itti aanaa fi Hogganaa Damee Oppireeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Janaraal Biraanuu Juulaa himaniiru.

Gareen finxaaleyyii ABUT hanga hin barbadoofnetti biyyi kun nagaa hin argattu jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee Daanshaa,Baakar, Shiraaroo hanga Shireetti guutummaa guutuutti to'atee gara fuulduraatti imalaa jira jedhan.

Raayyaan Ittisa biyyaa meeshaalee waraana agurguddaa garee gantootaa kana harka tures gutummaa guutuutti barbadeessuusaa himaniiru.

Humni addaa fi milishaan naannichaa lakkoofsaan hedduu ta'an harka kennaataa akka jiranis Janaraal Biraanuun himaniiru.

Ummanni dangaa amma daangaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf agarsiisaa jiru Raayyaa Ittisa Biyyaaf humanaa fi onnee akka itti hore Janaraal Biraanuu Juulaa himaniiru.

Garee finxaaleyyii kanneen barbadeessuun olantummaa seeraa fi heera biyyatti mirkaneessuuf gahumsa olaanaan hojjetamaa jira jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ummanni akka hin miidhamne uummataa fi garee finxaaleyyii kanniin adda baasee rukkutuuf of eegganoo cimaan hojjetaa akka jirus Itaamaajor Shuumii Itti aanaa fi Hogganaan Damee Oppireeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Janaraal Biraanuu Juulaa himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015