Juntaan saamee hinquufne, Hiwahaat, Itoophiyaa saamaa tureera- Dr.Abiyyi


Finfinnee Onkololeessa 28/2013(TOI)- Juntaan saamee hinquufne, Hiwahaat, Itoophiyaa saamaa tureera, Maallaqa saame miliksuuf akka danda'u maloota maallaqa ittiin biyya alaatti erganitti fayyadama jedhan ministirri muummee Dr.Abiyyi.


Maallaqa biyya alaatii Itoophiyaanonni ergan, biyya jiranitti irraa fuudhuudhaan, maallaqa Itoophiyaa keessaa saameen gatii gabaa ol kanfalas jedhan.


Sharafa alaas gara biyyoota garaagaraatti miliksa. Mootummaanis hordoffii gochuudhaan yakkamtoota qabaa jiraachus eeran.


Itoophiyaanonni biyya alaatti argaman juntaa kana utuu hin beekiin deeggaruufi biyyasaanii miidhuurraa akka of qusatan, yakkamtoota akka saaxilanifi maallaqasaanii karaa baankii erguudhaan biyyasaanii akka fayyadan Mootummaan waamicha dhiyeessa jedhan barreeffama fuula fecbook isaanin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015