Sudaan daangaa ishii gama Naannawwa Kasalaatti bakka Itoophiyaa waliin wal daangessitu irratti to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu beeksiste.

142

Finfinnee,Onkololeessa 27, 2013(TOI) – Sudaan daangaa ishii gama Naannawwa Kasalaatti bakka Itoophiyaa waliin wal daangessitu irratti to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu beeksiste.

Bulchaan Bulchiinsa Kasalaa Al Fataah Raahaman Amiin Sudaan, amma irraa egaltee daangaa Sudaan Itiyoophiyaa waliin waldaangessitu keessaa tokkoo kan ta’ee Bulchiinsa Kasalaatti humni nageenyaa naannicha eegu akka cimuu taasifameera.

Murtiin kun kan darbee mootummaan Itiyoophiyaa ABUT irratti tarkaanfii fudhachaa jiru tilmaamaa keessa galchunis jedhameera.

Qaamni nageenya eegsiisu naannichaa jiru nama dhuunfaniis ta’ee gareen meeshaalee waraanaa qabatanii gara Sudaan akka hin gallee ajaju Fataah Raahaman dubbataniiru.

Haa ta’uu malee lammiilee nagaa gara Sudaan galan tilmaama keessa galchuun ajajni akka raawwatamuf koreen dhimmicha hordoofu hundaa’u bulchaan kun ibsaniiru jedha Al Sudaanin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015