Humni badii TPLF abdii kutaanan Raayyaa Ittisa biyyaa birmadummaa biyyatti tiksuurratti haleellaa banterratti tarkaaffiin fudhatama jira

93

Finfinnee Onkololeessa 25/2013(TOI)_Humni badii TPLF abdii kutaanan Raayyaa Ittisa biyyaa birmadummaa biyyatti tiksuurratti haleellaa banterratti tarkaaffiin fudhatama jira.

Humni TPLF lammiilee biyya keenyarratti qaamolee hidhatee jiru meeshaalee fi maallaqan deeggaruun nageenya biyya
keenya booreessaa ture jedhan Pireezidaantiin Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Humni TPLF halkan kana Kampii Raayyaa Ittisa biyya irratti haleellaa bane waraanaa eegalee jira. Humni badii kun garee ABO Shanee jedhamu hidhachisuu fi deeggaruun gocha badii raawwachurratti argama jedhan.

Humni kun yeroo amma abdii kutaachuun ijibbaata dhumaf falmaataa akka jiru eeruun, humni badii kun qaamolee
leenjifachaa ture kanneenitti fayyadamun haleellaa lammiilee nagaa biyyattirratti raawwachaa turun isaa ni yaadatama.

Haleellaan Raayyaa Ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiileef halkanii guyyaa hojjetturratti banuun badii daangaa darbeedha jedhan Pireezidaantii Shimallis.

Mootummaa Federaalaa waliin ta'un waraana TPLF nurratti bante kana yeroo gababaa keessatti qulqulleessuun nageenya lammiilee keenya mirkaneessuuf caasaa mootummaa fi
kutaalee hawaasaa waliin hojjenna jedhan.

Gareen badii TPLF caasaa leenjifachaa turanitti fayyadamuun lammiilee nagaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaarratti miidhaa dhaqabsisuu wanta malaniif ummanni qaamolee nageenyaa waliin ta'un hojjechuu akka
qabu Pireezidaanti Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015