Manni Maree Federeeshinii haleellaa godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibse

71

Manni Maree Federeeshinii haleellaa godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (TOI)- Manni Maree Federeeshinii haleellaa godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibseera.

Yakki akka kanaa irraa deddeebiin raawwatamuun lubbuu lammiilee badaa akka jiruu manni maricha ibseera.

Mootumman humnoota badii lubbuu lammilee balleessan irratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa kabachisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Uummattoonni biyyaatti hundis tarkaanfii mootummaan humnoota badii kannenirratti fudhatuu cina dhabbachuun deeggarsa barbaachisa akka taasisaniif waamicha dhiyeesseera.

Manni mariicha lammiilee maatii fi firoottan namoota lubbuun darbaniifi uummattoota Ityoophiyaaf jajjabina haawwera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015