Yuunivarsiitiin madda walaabuu bara barnootaa 2013tti haala weerara dhibee koronaa ofiirraa ittisuuf jiddugaleessa godhateen barattoota qeebalee barsiisuuf qophii taasisuu hime

63

 Finfinnee Onkololeessa 24/2013(TOI)- Yuunivarsiitichi barattoota isaa marsaa marsaan simachuuf qohiitti jiru keessaa 2016 eebbifamtoota bara kanaa tahuus himee jira.

Doktor Tafarii Dayyuu akka ibsanitti barnoota sababa koovid-19f barnoota ji’oottaniif addaan cite ture deebisanii jalqabsiisuuf qophii barbaachisaa taasisuu himan.

 Yuunivarsiitichi akkaataa pirotokoola taa’eetiin qophiin taasifaman keessaa haala mana nyaataa barattootaa sirreessuu, manneen kitaabaa,idoo ciisicha barattootaa haala jiruun waliin mijataa taasisuun kanneen ijoo dha.

Yuunivarsiitichi akkaatuma kallattii ministeera barnootaatiin taa’een barattoota isaa marsaa sadihiin kan qeenalu yoo tahu marsaa jalqabaatiif barattoota bara kana eebbifaman 2,016 sadaasa 5 hanga 6/2013 simachuun kan eegalu tahuus himaniiru.

 Akka Doktor Tafariin jedhanitti Yuunivarsiitichi bara barnootaa harawa kanatti barattoota bara dabre barnoota isaanii addaan kutan xumursiisuun eebbisuun kanneen hafanis marsaa marsaan simatee kan barsiisu tahuus himan.

Akkaataa qophii yuunivarsitichaatiin daree tokko keessati barattoota 20-25 simachuun kan baratan yoo tahu of eeggannoon weerara kooviid 19f godhamu erga barattoonni simataman boodallee bifa itti fufiinsa qabuun kan hojjatamu tahuu eeraniiru.

Yuunivarsiitichi Nageenyummaa baruuf barsiisuu bara kanaa milkaahaa gochuudhaaf hawaasa naannoo abbootii gadaaf abbootii amantaa waliin mariin milkaahaan taasifamuus himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015