Muuxannoo waljijjirraa dubartoota Haadha Siinqee Naannoo Oromiyaa fi Fooramii Nageenya Dubartoota naannoo Soomaale magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira

117

Finfinnee, Onkololeessa 18/ 2013 (TOI) – waljijjirraa dubartoota Haadha Siinqee Naannoo Oromiyaa fi Fooramii Nageenya Dubartoota naannoo Soomaale magaalaa Adaamaatti qopheesummaa Waajjiira Dhiimma Dubartootaa, Daa'immanii fi Dargaggootaa Oromiyaan gaggeeffamaa jira.

Waltajichiis Dhaadannoo "Nutii dubartoonni Oromoo fi Soomaalee duudhaalee nagaa uumuu fi walitti bu'insa nageenyaa ta'uu keenya itti haa fufsiifnu" jedhuun gaggeeffama jira.

Waltajiin kun haarra dabalatee guyyoota Lamaaf gaggeefamaa.

Waltajjichaarratti Itti Aantuu Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Hoggantuun Kilaastara Diinagdee Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo naannoolee argamaniiru.

Waltajichaanis haallii qabatamaa naannoo Oromiyaa gabaasni ni dhiyaata jedha gabasni OBN.

Gahee haadholiin siinqee nageenya uumuu fi walitti bu'iinsa hiikuu keessatti qabanirratti barreefamnii fi hojiin akka muuxannootti haadhoolii siinqeen raawwatame dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamun kallattiin fuuladuraa ka'aama.

Kanamalees hojii waldaa Diinagdee Dubartoota Aanaa Luumee daawwachuun muuxannoo waljijjiru jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015