Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa Birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu taasise.

71

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Kibbaatti lammiilee balaa lolaa fi sigiga lafaattiin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu taasise.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee deeggarsa Maallaqa Birrii miiliyoona 2.5 fi meeshaalee Birrii miiliyoona 1.5 baasu, waliigalaan deeggarsa Birrii miiliyoona 4 Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Naannichaatti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa obbo Haaylamaariyaam Tasfaayeetti laataniiru.

Wayita walharkaa fudhiinsa taasisan Itti Aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aaddee Adaanach Abeebee akka ibsanitti lammiileef waliin jireenya, jaalalaa fi tumsa ibsuun yeroo hunda ibsa Itiyoophiyummaadha jedhan.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezdaantii Naannichaatti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa obbo Haaylamaariyaam Tasfaayee gama isaniin deeggarsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee ummata kibbaaf taasise maqaa uummata naannichaan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015