Ogeeyyiin Manneen Maree dirqama ogummaa fi lammummaa isaanii bahachuu akka qaban ibsame

62

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (TOI) - Leenjiin Ogeessota Manneen Maree Aanaalee fi Magaalotaaf magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.

Afyaa'ii Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo ogeessota gahee ogummaa isaanii fi dirqama lammummaa isaanii bahatan qabaachuuf yeroo yerootti dandeettii raawwachisummaa ogeessota manneen maree sadarkaan jiranii cimsuun barbaachisadha jedhaniru

Bakka bu’oonni ummataa turtii waggoota shaniin booda yeroo jijjiiraman, ogeessonni garuu ogummaa isaaniin ummata isaanii waan tajaajilaniif qaamolee ummata bakka bu’aniifi dirqama lammummaa qabaniin ummata isaanii waan tajaajilaniif ogeessota manneen maree sadarkaan jiraniif xiyyeeffannoo addaa kennuun dandeettii raawwachisummaa isaanii cimsuun injifannoo dachaaf nu gargaaraas jedhan.

Aadde Loomiin yeroon keessa jirru yeroo murteessaa waan ta’eef, ogeessota gahumsaa fi dandeettii cimaa qaban qabaachuun imaammataa fi sagantaa mootummaan bahan karaa guutuu ta’een hojiirra akka ooluuf kan gargaaru ta'uu ibsan.

Barri keessa jirruu bara karoora guddinaa fi tiraanisfoormeshinii waggoota kudhaniif qabaman itti xumurreefi karoora imala badhaadhina biyyaafi naannoo keenyaa hojiirra oolchuuf boqonnaa qophiirra jirru, bara filannoo biyyaalessaa itti gaggeessinuufi sirna dimokraasii itti ijaaraa jirru waan ta’eef, hojiiwwan hojjennu hundaa miira itti gaafatamummaa qabuun hojjechuun dirqama ogummaa qofa utuu hin taane dirqama lammummaas ta’uu qaba jedhaniiru.

Bu’uuruma kanaan, leenjii guyyoota sadan itti aananiif ogeessota manneen Maree Godinaalee Bahaa fi Kibba Oromiyaa 10 irraa hirmaataniif aangoofi gahee manneen mareefi gahee ogeessotaa mata duree jedhu irratti leenjii kennaa kan jiran Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti barsiisaa Kadhimamaa Doktoraa Baqqalee Lammiiti jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015