Bulchiinsa magaalaa Finfinneettii dabalataan kutaan magaalaa 1 hundaa’ufi - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa magaalaa Finfinneettii dabalataan kutaan magaalaa 1 hundaa’ufi

Finfinnee, Onkololeessaa 10/2013 (TOI) - Bulchiinsa magaalaa Finfinneettii dabalataan kutaan magaalaa 1 hundaa’ufi.
Manni Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa’ii 8ffaa bara hojii 1ffaa galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeessa kan jiruu yoo ta’u, yaa’ichaan kutaa magaalaa dabalataa tokko “ Lammii Kuraa” jedhamee waamamu manni marichaa akka ragga’u ni eegama.
Kutaa magaalaa haaraan hundaa’u mana marichaan yoo ragga’e kutaaleen magalaa Finfinneetti argamaan gara 11tti guddatu.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa 10 fi aanootni 116 akka argaman ni beekama.