Finfinnee fi godinaalee ollaan ala guutuu biyyattiitti barnoonni eegalame – Ministeera Barnootaa

50

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (TOI) –Magaalaa Finfinnee fi godinaalee ollaan ala guutuu biyyattiitti barnoonni eegalamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Magaalaa Finfinnee fi godinaalee ollaan ala guutuu biyyattiitti manneen barnootaa ulaagaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e guutan hundi guyyaa har’aa barnoota eegaluu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.

Haaluma Onkololeessa 9, 2013 barnoonni akka eegalamu kallattiin kaa’ameen manneen barnootaa ulaagaa guutaan hundi barnoota eegaluu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa ibsaniiru.

Manneen barnootaa haguuggii afaanii guuttatan %30 guyyaa har’aa barnoota eegaluu isaanii eeraniiru.

Haguuggiin fuulaa kana torbee dhufu keessa manneen barnoota hunda qaqqabsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Haguuggii fuulaa miiliyoona 50 manneen barnootaaf rabsuuf haaluma karoorfameen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka EBCn gabaasetti manneen barnootaa iddoo kamiiyyuttuu argaman galteewwan barbaachisu osoo hin guutiin barnoota eegaluu akka hin qabne ministirichi yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015