Guyyaan Manguddoota Addunyaa akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 18ffaaf sirnoota garaa garaatiin Magaalaa Beddelleetti kabajameera.

84

Finfinnee, Onkololeessa. 09, 2013(TOI)-Guyyaan Manguddoota Addunyaa akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 18ffaaf sirnoota garaa garaatiin Magaalaa Beddelleetti kabajameera.

Biyya Maanguddootni keessa jiraatan keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin lubbuun darbuu hin qabu, qabeenyi manca'uu hin qabu, biyyis jeeqamuu hin qabdu jedhan Manguddootni Godina Buunnoo Beddellee.

Giddu gallii Maanguddootaa Godina Buunnoo Beddellee Magaalaa Beddelleetti Birrii Miliyoona 30 oliin ijaaramuuf dhagaan bu'uuraas ka'ameera.

Hoggantuu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirroo fi Bulchaa Godinichaa Obbo Shaafii Huseen, waliin tahun dhagaa bu'uuraa ka'aniiru.

Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawasummaa Oromiyaas qooda fudhattoota waliin ta'uun rakkoowwan hawaasummaafi diinagdee Maanguddootni qaban furuuf hojjetaa jira jedhan Aadde Jamiilaan.

Maanguddootni Godina Buunnoo Beddellee ambaasaadara nageenyaati, giddu gala Maanguddootaa ijaaruunis isaaniif mala kan jedhan Bulchaan Godinichaa Obbo Shaafii Huseen.

Maanguddootni godinichaa ambaasaadara nageenyaa ta'anii carraa kana argachuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniiru.
Giddugalichaas hawaasa godinichaa hirmaachisuun ni hojjenna jedhaniru.

Maanguddotni Godina Buunnoo Beddellee tokko tokkos carraa kana argachuu keenyaan gammadnerrra jedhan.

Biyya Maanguddootni keessa jiraatan keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin lubbuun namaa darbuu hin qabu, qabeenyi manca'uu hin qabu, biyyis jeeqamuu hin qabu kan jedhan Maanguddootni Godinichaa, maanguddootni kaanis muuxxannoo kana fudhachuun ambaasaadara nageenyaa ta'uu qabu jedhaniru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015