Iddoolee hawwata turiizimii Godina Baalee Bahaatti argaman misoomsuun galii biyyaatiif akka oolaniif qooda fudhattoonni hundi tumsuu qabu jedhame

252

Iddoolee hawwata turiizimii Godina Baalee Bahaatti argaman misoomsuun galii biyyaatiif akka oolaniif qooda fudhattoonni hundi tumsuu akka qaban daaw’attoonni dhaaman

Finfinnee Onkololeessa 9/2013(TOI)-Holqa uumamaa soof umar dabalatee iddoolee hawwata turiizimii Godinicha keessatti argaman misoomsuun hambaa kiliya Addunyaatti dhaabbiidhaan galmeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjachaa akka jiru Waajjirri Aadaaf Turiizimii Godina Baalee Bahaa himee jira.

Daaw’attoonni dhiyeenna kana Godina Gujii irraa dhufuun iddoolee hawwata turiizim ii godinicha keessatti argaman daaw’atan kennaa uumamaa arganitti baay’ee kan gammadan tahuu dubbatan.

Akka daaw’attonni jedhanitti iddoolee hawwata turizimii kanatti karaan nama geessu baay’ee manca’uuniifii bu’uraalee misoomaa turmaata turistootaa dabaluu dandahan guutamuu dhabuu isaanii xiinxaluu isaanii dubbatan.

Ittti Gaafatamaan waajjira Aadaaf turiizimii Godina Baalee Bahaa obboo Ahmad Maammaa iddoolee hawwata turiizimii Godinicha keessatti argaman misoomsuun hambaa kiliya Addunyaatti dhaabbiidhaan galmeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjatamaa jira jedhan.

Godinichatti iddooleen hawwataa kan akka Holqa uumamaa soof umar,Dirree sheek huseen,soof umar hammarraafii gaarri goonii turistoota harkisan jiraatanis xiyyeefannoo laafaa as dura kennameef irraa kan ka’e bu’uraalee misoomaa hawwattummaa isaanii dabalan osoo hin guutaminiif hafuu himan.


Bulchaan Bulchiinsa Godina Baalee Bahaa obboo Aadam Qaasim gama isaaniitiin mootummaan iddoolee hawwata turiizimii uumamaaf namtolchee godinicha keessatti argaman misoomsuun madda galii akka tahaniif xiyyeefannoon hojjatamaa jira jedhan.

Mootummaan jijjiirama yeroo ammaa kana gahee iddooleen hawwata turiizimii galii biyyaa utubuu keessatti qaban hubachuun hawwatoota kanniin misoomsuuf beeksisuu keessatti carraaqqii guddaa godhaa jira jedhan.

Akka obboo Aadam jedhanitti Holqa uumamaa sof umar mallaqa hara’a abbaa birrii dhibbaa irratti maxxansiisuuf karaan Roobe irraa ka’ee hawwata kanatti nama geessuu aspaaltii akka tahuuf hojii qorannoo xumuruun akeektuu carraaqqii kanaati jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015