Finfinneetti boruu irraa eegalee awutobisoonni 560 gara bobbiitti akka galan ibsame

46

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (TOI) –Magaalaa Finfinneetti rakkoo geejjibaa furuuf boruu irraa eegalee awutobisoonni 560 kiraayiin gara bobbiitti akka galan ibsameera.

Bulchiinsi magaalicha waldaa geejjibaa dhuunfa waliin ta’uun awutobisoota kanneen kiraayidha gara bobbootti akka galan taasiseera.

Guyyaa har’as Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo magaalicha bakka argamanitti addabaabaayii masqaalaatti sagantaa bobbii ifoomaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015