Jilli Ministira Dhimmaa Daa’immani, Dargaggootaa fi Dubartoota Aadde Fiilsan Abdullahin durfamu lammiilee sababa guutinsa laga Oomoon buqqa’an daawwate

57

Finfinnee Onkololeessa. 8/2013(TOI) – Jilli Ministira Dhimmaa Daa’immani, Dargaggootaa fi Dubartoota Aadde Fiilsan Abdullahin durfamu lammiilee sababa guutinsa laga Oomoon buqqa’an daawwate.

Godina Kibbaa Oomoo aanaa Daasnachiiti sababa lagni Oomoo guuteen lammiileen kuma 62 buqqaa’un ni yaadatama.

Kanuma sababa gochuun jilli Aaddee Fiilsan Abdullahi durfamu har’a aanaa kanatti argamuun haala buqqaatoonni kun keessa jiraan dawwateera.

Aadde Fiilsan ergaa buqqaatootaf dabarsaniin Itiyoophiyaanoonni wayita gaddaa fi gammachuu aadaa walbira dhaabbachuu isaanii guddisuu qabu jedhan.

Deeggarsa wayitaa cinatti bifa walitti fufiinsa qabun deeggarsi taasifamu mijaa’u akka qabus hubachiisaniiru jedha EBCn.

Artiistonni fi Diyaaspooraan Itiyoophiyaa adda addaa daawwannaa kana irratti hirmaataniis buqqaatoota kana deeggaruuf lammiin hundi tumsa taasisuu qaba jechuun waamichaa isaanii dabarsaniiru, hojii uummata qindeessuu akka hojjetaniis himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015