Guddinni dinagdee kutaalee Afriikaa bahaa dinagdee Ardichaa caalaa kan fooyyaedha.

83

Finfinnee Guraandhala 10/2011 bara Faranjootaa 2018 darbe dinagdeen biyyoota Afriikaa bahaa kutaalee dinagdee ardichaa caalaa cimaa akka ture baankii misooma Afriikaatti daarektarri olaana kutaa Afriikaa bahaa ibsan

Guddinni dinagdee biyyoota kutaa kanatti argamaniitti galmaa'e cimaa, addaa fi sirna ifaa ta'e akka qabu ibsaniiru.

Baankii misoomaa Afriikaa bahaatti daarektarri olaanaa kutaa Afriikaa bahaa obbo Gabri'eel Nigaatuu tajaajila oduu Itoophiyaaf akka himanitti, kutaan kun gaaffiiwwan mirgaa bu'uraa darbee darbee kan keessatti ta'us, guddinni dinagdee galmaa'e cimaa waan ta'eef guddinni kun bara Faranjootaa jalqabame bara 2019ttis akka itti fufu tilmaamameera.

Gabaafni dhaabbanni mootummoota gamtoomanii jidduu kana baase akka mul'isutti biyyoota Afriikaa bahaa keessaa Itoophiyaan guddina dinagdee olaanaa galmeessifteetti.

Galii dhuun lammiileetiin Itoophiyaan biyyoota naannawa kanaarraa sadarkaa jaa'affaarra akka jirtu gabaafni dhaabbata kanaa eereera.

Guddinni dinagdee Itoophiyaa dhiibbaan kan irra jiru ta'uu kan ibsan daarektarri olaanaa kun, mootummaan dinagdee irratti fooyyessa guddaa gochaa waan jiruuf guddinni walii galaa jajjabeessaa ta'uu obbo Gabri'eel dubbataniiru.

Akka ibsa obbo Gabri'eelaatti Itoophiyaan damee industiriitiin biyya carraa qabdu waan ta'eef ijaarsi paarkiiwwan industirii damee kanarratti xiyyeeffattee adeemsiftu damee kana guddisuuf faayidaa guddaa qaba.

Baankiin kun ijaarsa paarkiiwwan agroo industirii haaraa afuriif deeggarsa gochuusaa kan ibsan daarektarri olaanaa kun, kanaanis oomishoota qonnaa agroo industirii kanaan walitti fiduudhaan lammiileef carraan hojii akka uumamu taasifameera jedhaniiru

Ummata Itoophiyaa keessaa lakkoofsi hedduun dargaggoo hojii barbaadan yoo ta'u, mootummaan rakkoo hojii dhabdummaa hiikuudhaaf komishinii carraa hojii uumu dhaabuunsaa murtee sirrii akka ta'e obbo Gabri'eel himaniiru.

Baankiin misooma Afriikaa Itoophiyaaf deeggaraa yeroo dheeraa ta'uusaa kan ibsan obbo Gabri'eelaan, dhihoo kana pirezidaantiin baankichaa mister Akinwiimii Adeesiinaa Itoophiyaan dameewwan dursa kenniteef 6 irratti baankichi haala deeggarsa taasisurratti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad waliin marii bu'a qabeessa taasisuusaanii dubbataniiru.

Baankiin kun deeggarsa ijaarsa paarkiiwwan agroo industirii afuriif taasisuun alatti suphaa daandii Finfinnee irraa Jibutii geessuu fi ijaarsa bu'uraalee misoomaa biroo akkasumas misooma humna namaa ilaalchisuun tarsiimoo Itoophiyaan baafteef deeggarsa akka taasisu eeraniiru.

Baankiin misooma Afriikaa paarkiiwwan agroo industirii haaraa afur Itoophiyaan ijaarsiftuuf doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba tokko deeggareera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015